Skip to toolbar

Seenaa Gabaabaa Oliiqaa Dingil-Goota Baddaa Sayyoo

Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo tau, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda jaan Sayyoo warra Laaloorraa dhalate.

Oliiqaa Dingil

Qorannoon seenaa hangaa har’aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda’amu baatus maqaansaa guutuun Oliiqaa Dingil Bookaa jedhama.
Bakki dhaloota gooticha Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal, bakka Deentaa Garee jedhamu. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 tauu akka hin oole dubbatama.
Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa ni mirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga’ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaaseemootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa ture. Ga’een hojii goota kanaas gabaarra naannaee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naannaaa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa magaalaa Dambii Doolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoon jiru ni ibsa.
Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaa fi biyyaaf yaaduu fi quuqamu yoo tau amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama ture.

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kun ummatarraan gahaniin mormee bosona seene. Gocha Xaaliyaanonnii fi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan kae haalli jireenyaa, aadaa fi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa Baandaa jedhamu itti moggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa turaniiru.
Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa, akka turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hintaiin namoota saba isaanii jaalatan hunda kan aarsu ture. Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babalachaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra gaeera jedhamu aarii Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldee fi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa’anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hin feeneen arrabsa.
Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walitti qabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee hoogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaauun XaaliyaanonniOliiqaa qabanii mana hidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee bauudhaan, bakka dhalootasaa Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Dambii Doollootti deebie.
Halkan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee, gara mana Baashaa Gabayyoos dhaqee haadha warraa Baashaa alatti baasuun, Ati dhirsa kee dhabda, ani immoo haadha warraa koon dhabe jechuun dua abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube. Itti aansee, namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, Anatu ajjeesee nama bira hin gaafatiinaa jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaa fi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.
Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu, qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa boojiee Shaanqoo hidhachiise. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa ‘shiftummaaf’ kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.
Namni Tafarii Alabee Goonboo jedhamu Haroo Machaaraarratti fannifamuun, Qanyaazmaach Dhoosaa Abbaa Qoroo qawwee dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka, Bakkee Abbaa Boroo jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda’ama.
Guyyuma Luba Maammoo Corqaa fi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtii qabdu jechuun harkasaanii lachan duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoon duaa itti murtaee utuu hara boru duuna jedhanii eegaa jiranii haala hin yaadamneen bilisa ba’anii gara naannawa jirenyaasaaniitti deebianiiru.
Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa saaatii shanitti haala haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebiuuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii foaa:
Oliiqaa yaa abbaa jigsaa ati duute moo jirtaa?
Utuu ati jiraattee hantuunni maa warraaqxee?
Yaa abbaa coomaafi booka kootii amaaseniin maal na gooti?
jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebiuuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhagau cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebie. Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebiaa ture. Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.
Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonnii fi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taaanii deggaraa turan. Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa waraanaa kaauufi erguu dabalata. Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataa fi dhugaatii dhiyeessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhamaaa turan. Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaa fi ajjeesaa turan.
Bakkii da’annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo, Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraa fi Ulaa Biyyaaoo bakka itti daatan akka ture dubbatama.
Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka dandaamutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama. Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan gurguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 taan duaniiru. Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo tau, lola kanarratti baandonni 750 taanii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaa fi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebianii akka galaniidha kan ibsamu.
Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaa fi waraanasaa boojiuuf ykn ajjeesuuf yaalaa turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan tae Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, “Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida” jedhee Xaaliyaaniif waadaa galee qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hin turin dhimmi kun Oliiqaaa bira gae, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsate. Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaauun nama rakkisu dhabameera.
Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuu dha. Dua Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hin deggaran ture.
Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaau halkan keessaa saaatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebiummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti.
Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hin shakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula. Ganama ka’ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhukaaa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru. Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.
Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mulanaan dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.
Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkan saaatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti due.
Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan duuusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun, anatu ajjeese jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa dua Oliiqaa dhagau ummanni naannawa sanaa baee hiyyee booe. Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan “Oliiqaa miti, kan due nama kan biraa taa” jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkii saaniis Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefi.
Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu argu “ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu” jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara magaalaa Dambii Dolloo geessanii booda haadha warraa Oliiqaa waamanii isa tauufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa tauu mirkaneessiteef.
Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoo isa Oliiqaa natu ajjeese jedhu Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taaee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan duee weediftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:
Facaasaa heexoo dhuguun
Oddoo Butaarra buluun
Michuu dubartii buluun
Xixxiixaa Dingil Bookaa
Oliiqaa galaafate.
Qawween Oliiqaa ajjeesee
Maqaansaa Wacafoodha
Baga kaartaa hin nyaatini
Namni Oliiqaa ajjeese
Maqaansaa Wadaajoodha
Baga taa’ee hin nyaatini

Advertisements

How useful was this post?

Click on a star to rate it!

Average rating 0 / 5. Vote count: 0

No votes so far! Be the first to rate this post.

Advertisements
Advertisements

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *